Karoora Hojii Waliigalaa Kutaa Oppireeshinii kan Bara 2011
Akkuma beekamu dhaabbanni Yuunivarsaal Maarketingii I/G/K/Murtaa’e erga hundaa’ee waggaa tokko kan lakkoofsise yommuu ta’u yeroo ammaa kana hojjatoota ga’uumsa fi naamusa gaarii qaban dhaabbilee addaa addaatif dhiheessun beekamtii guddaa kan argate ta’uu isaa ragaaleen addaa addaa ni mul’isuu
Kaayyoo
Humna namaa cimsuudhan nagaa fi nageenya dhaabbilee tajaajilamtoota keenyaa amansiisaa taasisuun hannii fi saamichi akka irratti hin raawwatamne dursanii ittisuun nageenyi dhaabbilee tajaajilamtoota keenyaa akka kabajamu taasisuudha.
Galma
Dandeettii raawwachisummaa itti gaafatamtoota fi miseensota eegumsaa cimsuun nageenya amansiisaa fiduu fi dhaabbilee tajaajilaa nurraaa argatan biratti fudhatama fi beekamtii argachuudha.
Ergama
Humna namaa barbaachisu dhiyessun seera biyya keenyaa irratti hundaa’udhaan maamiltoota keenyarra yakkaa fi miidhaan kamiyyuu akka hin geenye ittisu, akkasumas seera fooyya’aa fi ammayyoome fayyadamuudhan lubbuu fi qabeenya maamiltootaa ciminan eeguu fi eegsisuudha.
Mula’ata
Humna namaa dhiyeessu fi tajaajila kennuu irratti sadarkkaa biyya keessaa fi biyya alaatti dorgomaa ta’uuf
Duudhalee Ijoo Mana Hoji(Core Value)
- Itti gaafatamummaa
- Iftoomina
- Olaantummaa heeraf seeraa kabajuu
- Iciitii eeguu
- Qophaa’ina jijjiiramaa
- Kutannoon hojjachuu
- Amanamummaa
- Hirmaachisummaa